header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Lammiileen Masri Bulchiinsa Prezdaant Abdulfattaah Al-Sisi mormuun hiriira geggeessaa jiran

Lammiileen Masri Jum’aa kaleessaa irraa jalqabee bulchiinsa Prezdaant Abdulfattaah Al-Sisi irratti mormii cimaa kan jalqaban yoo tahu, ummanni kumaatamaan lakkaahamu kaleessa galgala irraa jalqabee hanga ganama har’aatti, magaalaa Kaayiroo Addabaabaayii Tahriiritti bahuun dhaadannoo “Prezdaantichi aangoo gadi lakkisuu qaba” jedhu kan dhageessisan tahuu gabaafame.

 

Haaluma wal fakkaatuun magaalota Aleksaandariyaa, Suwiiz, Garbiyaa fi magaalota biroo heddu keessatti mormiin kan geggeeffame tahuu miidiyaaleen gara garaa gaabaasanii jiru.

 

Mormitoonni akka jedhanitti, Prezdaant Abdulfattaah Al-Sisi fi bulchiinsi isaa guututti malaamaltummaa  hamaa keessa galuu isaatiin, biyyattii keessatti qaalayiinsi jireenyaa hammaatee jira jechuun yakkan. Keessumattuu aktivistiin beekamaan Muhammad Alii biyya baqaa irraa gama miidiyaa hawaasaatiin, “Prezdaant Alsiisiin ijaarsa manneen mootummaa irraa doolara miiliyoona heddu dhuunfaan hatee jira” jechuun eega saaxilee booda, lammiileen biyyattii addabaabaayii mormiitti deebi’uuf kan qophaayaa turan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Haaluma kanaan lammiileen Masri gara daandiitti bayan kunniin, Prezdaant Abdulfattaah Al-Sisi aangoo isaa haga Khamiisa dhuftuutti yoo kan gadi hin lakkifne tahe, Jum’aa dhuftu irraa jalqabee miiliyoonota waliin mormii isaanii cimsanii kan itti fufan tahuu akeekkachiisan.

 

Mormiin Badheeyisa Arabaa  xumura bara 2010Tuniiziyaa keessatti dhoohee ture,  January 17/2011 gara Masritti ce’uun Addababaayii Tahriir keessatti kan jalqabame tahuun ni yaadatama. Mormii san hordofuun Prezdaantiin biyyattii duraanii Husni Mubaarak aangoo irraa eega ari’amee booda, Prezdaantiin seenaa Masri keessatti yeroo jalqabaatiif fedhii ummataatiin filame Dr Muhammad Mursi waggaa tokkoof biyyattii eega bulchee booda, shira Jeneraal Abdulfattaah Al-Sisi fi biyyoota alaatiin aangoo irraa fonqolchamee ji’a afur dura mana hidhaa keessatti du’uu ni beekama.

Mormi Masri1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button