header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Chaayinaan yakka ‘lammilee isii eega ajjeefte booda qaama isaanii gurgurtaaf dhiheessuu raawwatti’ jedhuun himatamte

Dhaabbanni miti-mootummaa abbootii alangaa Chaayinaa Tiraaybunaal(China Tribunal) jedhamu kan yakka gurgurtaa qaama ilma namaa irratti qorannoo geggeessu, Walgahii kibxata dabre mana marii mirga namummaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii Jenevaatti geggeeffame irratti, yakka mootummaan Chaayinaa lammilee biyyaatti irratti raawwatu saaxile.

Dhaabbatichi gabaasa mana mariichaa dhiheessea irratti “Mootummaan Chaayinaa Muslimoota Wiigar fi hordoftoota amantaa ‘Falun Gong’ jedhaman cunqursaa jirachuuf Badii tokko malee sababa amantii isaanii irratti cichaniif manneen hidhaatti ukkaamsaa jiraachuu hime, Akkasumas mootummaan Chaayinaa hidhamtoota kanneen qaama isaanii kan akka onnee, somba, kalee fi gogaa baasuun gurgurtaaf gabayaatti dhiheessa jechuun himate.

Dhaabbanni miti-mootummaa Chaayinaa Tiraaybunal jedhamu kun Awustiraaliyaatti kan argamu yoo tahu, Garee ogeeyyii fayyaafi abbootii alaangaa of jalatti hammatee yakka mootummaan Chaayinaa raawwatu qoratuun falma ture yoo ta’u, Mootummaan Chaayinaa gama isaatiin yakka garee kanaan irratti dhiyaate gonkumaa hin raawwanne jechuun haale.

Abukaattoo dhaabbatichaa kan ta’e Haamid Saabit gabaasa mana marii mirga namummaa dhabbata mootummoota Gamtoomaniif dhiheesse irratti, ‘mootummaan Chaayinaa qaama lammiilee biyyattii fedhii isaanin alatti dirqamaan baasee gurgurtaaf dhiheessuun yakka sarbamiinsa namuummaa hamaa rawwataa jira”jedhe.

Mr Saabit itti dabaluun “yakki kun namoota badii malee manneen hidhaa biyyattii keessatti dararamaa jiran dabalatee Muslimoota Wiigar, akkasuma hordoftoota amantaa ‘Falun Gong’ irratti akkaan raawwatamaa kan jiru yoo tahu, Dhiibbaa irra gahaa turteen namoota manneen hidhaa keessatti lubbuun dabranii fi kan lubbuun jiran ammoo ajjeessuun meeshaa garaa keessaa baasuun gabayaaf dhiheessanii gurguraa jiran” jedhe.

Gareen Abbootii Alangaa kun manni marii mirga namummaa UN iin yakka Chaayinaan raawwataa jirtu kana hatattamaan akka qoratu gaafate.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button