header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Lammiileen Masrii mormii Prezdaantii biyyattii irratti jalqaban Jum’aa har’aatis kan itti fufan tahuu gabaafame

Lammiileen Masri torbee dabre irraa jalqabee Prezdaant Abdulfattaah Al-Sisi aangoo akka lakkisu gaafachuun mormii kan gegeessaa jiran yoo tahu, haaluma kanaan har’a salaata Jum’aa bodaa magaaalota biyyattii heddu keessatti mormiin kan itti fufe tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Mootummaan Masri ummanni addabaabaayii Tahriiritti akka hin baane akeekkachiisuun daandiiwwan garasitti geessan hunda kan cufe yoo tahu,  Aktivistiin biyyattii Muhammad Alii gama isaatiin “dachiin Masri guutuun Tahriir waan tateef,  ummanni poolisoota waliin osoo walitti hin bu’in naannawa hundatti mormii akka itti fufu”jechuun  waamicha dabarse.

 

Haaluma kanaan har’a naannawa Gizzaa, El Warraaq, Luxor fi Qina jedhamu keessatti , akkasumas magaalota Suwiiz  fi Aleksaandariyaa keessattis mormiin cimaan kan geggeeffamaa jiru tahuun beekamee jira.

 

Gama birootiin ammoo mootummaan Masri mormii ummataa kana cabsuudhaaf lammilee biyyattii heddu hidhatti kan darbaa jiru tahuu gabaafame.  Dhaabbatni mirga namoomaatii falmu Human Right Watch  ibsa baaseen, mootummaan Masri torbee dabre irraa jalqabee aktivistootaa fi hoggantoota Paartii mormitootaa dabalatee,  namoota 2000 ol kan hidhe tahuu beeksise.

Magaalaa Siwiiz

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button