header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

‘TVn Islaamaa’ tamsaasa Saatalaayitii jalqabuuf tahuu ibsame

Hawaasa Muslimaa Ameerikaa kaabaa jiraataniin kan hundeeffame ‘TVn Islaamaa’ karaa miidiyaalee hawaasaatiin ummata biyya keessaafi ala jiraniif, Barnoota Diin Islaam dabarsaa kan jiru yoo tahu, Akkaataa duraan hojjechaa jirurraa tajaajila isaa ol guddisuun, November 2, 2019 tamsaasa yaalii kan Saatalaayitii jalqabuuf qophii xumuruu ibsame.

Dayrektarri ‘TV Islaamaa’ Ustaaz Shamsuddiin Yuusuf “Yoo fedhii Rabbii ta’e November 2, 2019 TVn Islaamaa tamsaasa yaalii Saatalaaytii ni jalqaba” jedhe.

Itti ida’uunis, akkuma kanaan dura karaa miidiyaalee hawaasaatiin qophiiwwan barnoota Diin Islaam ummatichaan gahaa turan, daran baballisanii hojjatuu fi sagantaalee adda addaa kan barsiisa Diin Islaam irratti xiyyeeffatanis ummataan gahuuf haal duree xumuruu nuuf hime.

Ustaaz Shamsuddiin ‘TVn Islaamaa’ Afaan Oromoo, Amaariffaafi Inglish’n sagantaalee isaa ummataan kan gahu tahuus ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button