header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Paakistaan hawaasni addunyaa dararaa Indiyaan Kaashimiir keessatti raawwattu hatattamaan dhaabsisu qaba jette

Muummichi ministeera Paakistaan Imraan Khan kora walii galaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 74ffaa, Ameerikaa magaalaa New York keessatti geggeeffamaa jiru irratti Jum’aa har’aa haasaya godheen, Indiyaan seera idil addunyaa cabsuun mirga ofiin ofbulchuu ummata Khaashimiir eega mulqitee booda, dararaa naannicha keessatti raawwattu daranuu hammeessitee jirti jedhe.

 

Imraan Khan haasaya isa kanaan “hawaasni addunyaa dhimma Khaashimiir irratti maal godhuu akka yaade naaf hin galle; Indiyaan gabaa guddoo ummata biiliyoona 1.2 waan qabduuf jecha isii  gammachiisuuf dararaa akka raawwattu cal jedhee bira kuta moo, haqaa fi kabajamuu mirga namoomaa deeggaree dhaabbata ?”jechuun gaafate.

 

Muummichi ministeera Paakistaan itti dabaluudhaanis, Indiyaan yeroo ammaa Khaashimiir keessatti labsii yeroo muddamaa labsuun ummata naannichaa waraanaan  ukkaamsuu isii ibsuun, “turii bulii gaafa labsiin kun ka’e naannicha keessatti dhiigni dhangala’uuf deema”jechuun akeekkachiise. Balaan Khaashimiir keessatti ka’u ammoo biyyoota meeshaa Niwukilarii hidhatan lamaan gara lola guddaatti yoo kan seensisu tahe, wanta uumamuu maluu tilmaamuun hin danda’amu jedhe.

 

Imraan Khan haasaya isaa kana keessatti, dhimmoota faalama qilleensa addunyaa, malaammaltummaa fi  Jibbiinsa Islaamummaa biyyoota Lixaa keessatti babal’ataa dhufes kaasee jira.  Mr Khan Jibbiinsa Islaamummaa hammaataa dhufe ilaalchisee akka jedhe “biyyoonni Awrooppaa muslimoota jibbuun moggatti dhiibuu osoo hin taane, Islaamummaan amantaa jaalalaa fi rahmata irratti hundaaye tahuu osoo hubatanii irra wayya” jechuun dhaamsa dabarfate.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button