header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Balaa Konkolaataa Godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuggaa keessatti muudateen lubbuun nama 9 dabruu gabaafame

Balaan kun halkan edaa naannawa Sa’aa sagalitti kan muudate yoo tahu, namoota saglan lubbuun dabreen alattis namoonni heddu kan miidhaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Waajjirri poolisii aanichaa akka beeksisetti, konkolaataan Minibaasii nama 16 qofa fe’uun irra ture, humnaa ol nama 25 fe’atee Finfinnee irraa gara Daseetti osoo imalaa jiru, konkolaataa fe’umsaa wal harkisu kan Dasee irraa Finfinneetti imalaa tureen walitti bu’uun balaan hamaan kun kan muudate tahuu ibsame.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button