header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Chaayinaan Misaa’ela Baalastikii haaraya kan sagalee caalaa dachaa afur saffisu ifa goote

Mootummaan Chaayinaa hundeeffama waggaa 70ffaa Paartii Koministii Chaayinaa kan kabajataa jiru yoo tahu, ayyana kana irratti raayyaan ittisa biyyaatti meeshaalee waraanaa hammayyaa fi haaraya tahan agarsiisaaf dhiheessee jira. Agarsiisa waraanaa magaalaa Beejiing addabaabaayii Tayinameen jedhamutti gaggeeffamaa jiru kanarratti, meeshaaleen waraanaa haaraya dhiyaatan jidduu Misaa’elli Balastikii (hypersonic) kan sagalee caalaa dacha afur saffisu keessatti argama.

 

Mootummaan Chaayinaa hundeeffama waggaa 70ffaa Paartii Koministii Chaayinaa kan kabajataa jiru yoo tahu, ayyaana kana irratti raayyaan ittisa biyyattii meeshaalee waraanaa hammayyaa fi haaraya tahan agarsiisaaf dhiheessee jira. Agarsiisa waraanaa magaalaa Beejiing addabaabaayii Tayinameen jedhamutti gaggeeffamaa jiru kanarratti, meeshaalee waraanaa haaraya dhiyaatan jidduu Misaa’elli Baalastikii (hypersonic) kan sagalee caalaa dachaa afur saffisu keessatti argama.

 

Misaa’ela Baalastikii Chaayinaan agarsiisaaf dhiheessite kana meeshaaleen Ittisa Misaa’elaa Ameerikaa dabalatee biyyoonni dagaagan qaban kamiyyuu qolachu kan hin dandeenyee fi ibidda niwkilaraa baadhatee yeroo gabaaba keessatti fageenya dheeraa irratti alaamaa isaa kan rukutuu danda’u tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

 

Agarsiisa Waraana Chaayinaa kana irratti miseensonni raayyaa ittisaa kumni 15, xiyyaaronni 170, Misaa’elli baalastikii 580, diroononni hammayyaa, taankiiwwan fi meeshaaleen waraanaa adda addaa dhiyaatanii jiru.

Prezdaant Shii Jiinpiing dabalatee qondaaltonni Paartii Koministii Chaayinaa ol’aanoon heddu akkasumas qondaaltonni waraanaa biyyoota hedduu sirna kana irratti argamanii jiran.

 

Prezdaant Shii Jiinpiing haasaya sirna kana irratti godhee keessatti “Rippaabliika Chaayinaa humni lafaa irra jiru kamuu dhaabsisuu hin danda’u”jedhe.

 

Paartiin Kominiistii Chaayinaa bara 1949 kan hundeeffame yoo ta’u, waggoota 70 dabraniif biyyattii kophaa isaa kan bulchaa jiru tahuun ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button