header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Iiraan wal dhabbii Sa’uudii waliin qabdu furuudhaaf haal duree tokko malee mari’achuuf qophii tahuu beeksiste

Afayaa’iin mana marii Iiraan Ali Larijaanii gaafii fi deebisaa Aljaziiraa waliin godhe irratti, “Iiraan, Sa’uudii dabalatee biyyoota naannichaa kanneen biroo waliin marii geggeessuuf yeroo kamiyyuu qophiidha”jedhe.  Mr Larijaaniin itti dabaluudhaanis, keessamuttuu  Iiraan fi Sa’uudii jiddutti kallattiidhaan mariin yoo kan geggeeffamu tahe, rakkina siyaasaa fi nageenyaa naannicha keessatti hammaataa dhufe salphatti hiikuun kan danda’amu tahuu ibse.

 

Ali Larijanii akka jedhutti rakkoon Sa’uudii wanta hundaaf Ameerikaa irratti irkachuu isii tahuu ibsuun, “Riyaad yaada marii kamiyyuu qabattee kallaattiin yoo dhihaatte,  Iiraan haal duree tokko malee mariif qophiidha”jedhe.

 

Yaada marii mootummaa Iiraan kana dura,  dhaaltuun gonfoo Sa’uudii Muhammad Bin Salmaan Alhada dabre Televizhiina CBS waliin gaafii fi deebisaa geggeesseen, Sa’uudiin wal dhabbii Iiraan waliin qabdu humnaan osoo hin taane mariin furuu kan barbaaddu tahuu ibsee ture.

 

Alii Larijanii yaada Muhammad Bin Salmaan kana, Sa’uudiin fedhii biyyoota naannichaa hubachuuf qophii tahuu kan agarsiisu waan taheef Iiraan akka jalqabbii gaariitti ilaalti jedhe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button