header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad fi Prezdaant Abdulfattaah Al-siisii dhimma laga Abbaay irratti Ruusiyaa keessatti waliin mari’achuuf akka tahe gabaafame

Prezdaant Abdulfattaah Al-Siisii fi Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad guyyaa kaleessaa bilbilaan kan mari’atan yoo tahu, Prezdaant Al-Siisiin injifannoo badhaasa Noobeelii Dr. Abiy argateef gammachuu itti dhagayame kan ibsate tahuu gabaafame. Dabalataanis hoggantoonni lamaan dhimma hidha laga Abbaay irratti marii addaan kutanii turan,  itti fufuudhaaf kan walii galan tahuu FBC’n gabaase.

 

Mootummaan Ityoophiyaa mariin kun eessaa fi yoom akka itti fufu kan hin ibsin yoo tahu, miidiyaaleen idil addunyaa Masri keessa jiran guyyaa har’aa akka gabaasanitti ammoo, hoggantoonni lamaan Ruusiyaa keessatti mari’achuuf walii galan. Akka gabaasa kanaatti mariin Prezdaant Abdulfattaah Al-Siisii fi Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad karoorfatan kun, kora hoggantoota Afrikaa fi Ruusiyaa dhiheenya magaalaa Sochii keessatti geggeeffamu cinatti tahuu mala.

 

Marii kanaan dura Khaartuum keessatti geggeeffame irratti Ameerikaan akka biyyoota sadeen mariisistu yaada Masri irraa dhihaate,  mootummaan Ityoophiyaa kan dide tahuun ni yaadatama.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button