header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Turkiyaan Finciltoonni Kurdi hidhannoo yoo hiikkatan duula Kaaba-baha Suuriyaa keessatti jalqabde kan dhaabdu tahuu beeksiste

Prezdaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan, ibsa arba’aa arraa keennen, Finciltoonni Kurdi kan kaaba baha Suuriyaa keessatti maandheffatan hidhannoo kan hiikkatanii fi akkasumas godina lola irraa bilisa godhuuf karoorfame lakkisanii kan bahan yoo ta’e, Turkiyaan duula jalqabde kan goolabdu tahuu ibse. Kun tahuu dhabnaan garuu Humni Turkiyaa dhaabsiisu danda’u tokkolleen hin jiru jechuun akeekkachiise.

Prezdaant Erdogaan itti dabaluunis, dula kana dhabsiisuuf carraan jiru Finciltoonni Kurdi hanga galgala Arba’aa hardhaatti hidhannoo isaanii hiikkatanii, godina lola irraa bilisa godhuuf karoorfame lakkisanii bahuu qofa, yoo isaan kana godhan booda duulli jalqabame ni goolabama jedhe.

#Turkiyaa_Suuriyaa

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button