header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Briteen fi Gamtaan Awrooppaa adeemsa Briteen gamticha keessa baatuun ilaalchisee walii galtee haaraya irra gahuu beeksisan

Prezdaantiin Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Jean-Claude Juncker ibsa kenneen, walii galteen ammaa kun gamni lamaanuu akka hin miidhamnetti kan qophaaye tahuu ibsuun, manni marii gamtaa Awrooppaa sanadii haarayatti qophaaye kana xiinxallee akka raggaasisu gaafate. Haaluma kanaan Sanadiin “Brix Deal”haarayatti qophaaye wal gahii mana marii gamtaa Awrooppaa har’a jalqabameef kan dhihaatu tahuu ibsame.

 

Haaluma wal fakkaatuun muummichi ministeera Briteen Boris Johnson bulchiini isaa gamticha waliin walii galtee haaraya irra gahuu mirkaneessee jira. Mr Johnson “Gamtaa Awrooppaa waliin waliigaltee haaraya fi faayidaa qabeessa tahe irra geennee jirra; Sabtii dhuftu Paarlaamaan Briteen walii galtee kana fudhatee mirkaneessuun dhimmicha goolabuu qabna;  kana booda dhimmoota cicciimoo furmaata barbaadan kanneen akka fayyaa, yakka biyyattii keessatti hammaataa dhufee fi rakkoolee birootiif furmaata kennuu irratti fuulleffatuu qabna”jedhe.

 

Kanaan dura Briteen dhimmoota diinagdee, hawaasummaa fi nageenyaa ilaachisee, Gamtaa Awrooppaa keessaa eega baatee booda hariiroon gamticha waliin qabaattu, maal tahuu akka qabu irratti Sanadii mootummaan Briteen qopheesse,  paarlaamaan biyyattti yeroo heddu kuffisuun ni  yaadatama.

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button