header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan naannoo Oromiyaa ‘tarkaanfiin eeggumsa Jawaar Muhammad irratti fudhatame dogongora’ jedhe

Halkan edaa waardiyoonni Aktivistii fi Daayrektara OMN Obbo Jawaar Muhammad haal duree tokko malee eeggumsa isaa addaan kutanii akka bahan ajajamuun jaraa eega dhagahamee booda, godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti ummanni hiriira mormii cimaa godhaa oole. Kanuma hordofuun magaalota heddu keessatti humnoonni mootummaa tarkaanfii ummata hiriira bahe irratti fudhataniin lubbuun namootaa galaafatamuuu, Akkasuma namoonni hedduun miidhamuu fi qabeenyi barbaada’uu odeeyfannoon ni addeessa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo cimaa kana ilaalchisee yaada tokkollee osoo hin kennin guyyaa guutuu kan oole yoo tahu, galgala kana karaa TV mootummaa naannichaatiin gocha eda raawwatame fi mormii geggeeffamaa oole ilaalchisee ibse kenne jira.

MNO ibsa kanaan, ajajni halkan edaa eegdota Obbo Jawaar Muhammaditti kenname dogongora jechuun, knuma hordofuun mormii guyyaa har’aa geggeeffameen wal qabatee midhaa dhaqqabeef gaddi itti dhaga’amuu ibse.

Itti aanaan Prezdaantii mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsa galgala arraa kenne irratti “tarkaanfiin fudhatame dogongora cimaadha! Wanta tahuu hin qabneetu raawwatame. Mootummaan Kanaan dura obboleessa keenya Jawarii fi namoota bebeekkamoo biroo biyya alaa irraa galaniif eegumsa godhaafii ture. Namoota kanaaf waardiyoota ramadee ture jala jalaa kaasaa ture, kan isaatiis kanuma malee wanti biraa yaadamee kan godhame miti”jedhe.

Obbo Shimalis itti dabaluunis amma booda eeggumsi gahaan kan godhamuuf tahuu ibsuun, ummannis akka tasgabbaa’uu qabu gaafate.

6 Comments

  1. Radiyoo NuhRalahudaa maashaa Allaah maashaa Allaah tabaaraakalaah rabbiin isiniraa ha jaalaatuu ulumahiwaan kenyaa umrii nufi dheraadhaa jzk

  2. Ustazaata kenyaa Rabbiin isiniraa ha jaalaatuu barumsaa halan nuf kenaa jirtan garaa keesan dhufuu mitif bayee ittin gamadeee Rabbiin jazaa keesan Jaalaatuu firdosiinisaa isin ha wafaquu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button