header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaAwrooppaaOdeeyfannoo

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad, Prezdaant Abdulfattaah Al Siisii waliin mari’ate

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad foramii diinagdee Raashiyaa fi biyyoota Afrikaa magaalaa Soochii keessatti geggeeffamaa jiru irratti kan hirmaataa jiru yoo tahu, wal gahii kana cinatti kaleessa prezdaantii Masri Abdulfattaah Al Siisii waliin kan mari’ate tahuun beekamee jira.

 

Haaluma kanaan hoggantoonni lamaan dhimma ijaarsaa fi guutinsa bishaanii hidha laga Abbaay ilaalchisee kan mari’atan tahuu gabaafame. Haata’u malee bal’inna marii isaanii ilaalchisee wanti ibsame hin jiru.

 

Biyyoonni lamaan hidha lagaa Abbaay ilaalchisee mariin kanaan dura geggeessaa turan walii galtee malee fashalaayuun ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button