header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mann Marii Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa dararaa lammiilee fi diiggaa masjiidota irratti raawwatamaa jiru balaaleffate

Mannii marii dhimmoota Islaamummaa Federaalaa har’a waaree boodaa haala yeroo irratti ibsa kan kenne yoo tahu, gubamuu fi diigggaa masjiidotaa akkasumas ajjeechaa lammiilee irratti raawwatamaa jiru balaaleffate. Manni marichaa rakkoo dhiheenya kana muudate hordofuun lubbuu namaa dabree fi  qabeenya barbadaayeef gadda itti dhagahame ibsachuun, “nageenya biyya keennaa tiksuun itti gaafatamummaa lammiilee  tahus,  keessumattuu dhaabbileen amantaa hawaasni nagaya isaa akka tikfatu gorsuun itti gaafatamummaa  fi dirqama lammummaa nurraa eeggamu”jedhe.

Haata’u malee ji’oottan muuraasa dabran naannolee gara garaa keessatti  haleellaan bifa adda addaatiin manneen amantaa keessumattuu masjiidota irratti xiyyeeffatuun raawwatamaa kan ture tahus, manni marichaa  dhimmicha obsaan bira dabruun hawaasa tasgabbeessaa akka ture beeksise.

 

Rakkoolee akka fakeenyaatti ibsichi kaase jidduu muraasni, duula diiggaa Masjiidotaa magaalaa Finfinnee fi naannawa isiitti raawwatamaa ture,  Naannoo Amaaraa Godina Gondar ganda Wafxaggee jedhamu keessatti  Muslima tahuu isaanii qofaaf maatiin 40 ol qe’ee isaanii irraa buqqifamuu, Godina Goojjaam magaalaa Bichanaa keessatti muslimoota Masjiida keessa turan irratti, haleellaa boombii raawwatameen lubbuun namaa dabrus yakkamtoonni seera jala ooluu dhabuu, magaalaa Istee keessatti masjiidonni sadi gubamuu, akkasumas achuma naannoo Amaaraa magaalota Kombolchaa, Chaagnii, Bahirdaar fi kanneen biroo keessatti masjiidota irratti gochi diiguu fi  gubuu kan raawwatame tahuu ibsame.

Haaluma wal fakkaatuun torbee dabre keessa Magaalaa Adaamaa keessatti haleellaa Masjiidota irratti raawwatameen lubbuun namaa kan dabre tahuu, akkasumas magaalaa Dirree Dhawaa keessattis masjiidni kan gubame tahuu ibsi mana marichaa kun eeree jira. Dabalataanis torbee dabre magaalaa Finfinnee naannawa Jamoo jedhamutti,  barattoota  Dr.Jeeylaan Khadiir fi Sheikh Muhammad Haamiddiin shan irratti reebicha hamaa raawwatameen lubbuun nama tokko dabruu ibsame.

Dhuma irrattis manni marichaa mootummaan namoota iddoo gara garaatti yakka raawwatan seeratti akka dhiheessu kan gaafate yoo tahu, hawaasni muslimaa ammoo miskiinotaa sadaqaa kennuu fi masjiidota hundatti du’aa’ii godhuu irratti akka jabaatu dhaamsa dabarse.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button