header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Sa’aad Hariirii labsii taaytaa gad lakkisuuf baasee ture guutumatti kan kaase tahuu beeksise.

Muummichi ministeera Lubnaan Sa’aad Hariirii ji’a dabre keessa Sa’udii irraa taaytaa kan gadi dhiise tahuu beeksisuun isaa ni yaadatama. Mootummaan Lubnaan ammoo labsiin kun fedhii Sa’aad Hariiriitiin kan godhame osoo hin taane, dhiibbaa Sa’udiitiin Kan godhame waan ta’eef, kan hin fudhanne tahuu ibsuun Hariiriin gara Lubnaan akka deebi’u gaafate.

Kanuma hordofuun dhiibbaan biyyoota idil-addunyaa irraa hammataa waan dhufeef, Sa’ad Hariirii torbee lama dura gara biyya isaa deebi’e. Guyyaa har’aa ammoo Paartiilee biyya isaa hunda waliin dhimmoota barbaachisaa tahan irratti mariin godhame waan milkaayeef, labsii taaytaa isaa gad lakkisuuf baasee ture guutumatti kan kaase tahuu beeksise. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button