header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muumichi ministeera Lubnaan Sa’aad Haririi aangoo gadi lakkise

 

Lammiileen Lubnaan labsii gibira dabalataa mootummaan Appilikeeshiinota tajaajila wal qunnamtii kennan, kanneen akka whatsApp ilaalchisee baase mormuun, October 15/2019 irraa eeggalee daanditti bahan. Kanuma hordofuun mootummaan labsicha haquu beeksisee ture. Haa ta’u malee mormitoonni “qaalayiinsa jireenyaa hammataa dhufe fooyyessuuf qajeelfamni diinagdee mootummaan hordofu walumaa galatti dogongora waan taheef, mootummaan guutumatti aangoo gadi lakkisuu qaba”jechuun mormii  gyyaa 14 dura jalqaban itti fufanii jiru.

 

Muummichi ministeera Lubnaan mormii ummataa kana qabbaneessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa kan fudhataa ture yoo tahu, tarkaanfiilee kanneen jidduu daballii gibiraa hambisuu fi karoora  bajataa haarayatti kan qopheesse tahuu beeksise.  Haaluma kanaan muummichi ministeera Lubnaan Sa’ad Haririi, qondaaltonni mootummaa biyyattii hundi karoora bulchiinsa isaa kana akka deeggaran gaafatee ture.

 

Haata’u malee Sa’aad Haririi ibsa har’a gama televizhiinaatiin kenneen,  karoora diinagdee fi bajataa haarayatti qophaahe  hujii irra oolchuuf  deeggarsa gahaa kan dhabe tahuu ibsuun, aangoo gadi lakkisuudhaaf kan murteesse tahuu hime. Haaluma kanaan muummichi ministeeraa xalayaa aangoo gad lakkisuu Prezadaantii biyyattii Misheel Awuniif kan kenne tahuu gabaafame

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button