header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Balaa baaburaa Paakistaan keessatti muudateen lubbuun nama 45 ol dabruu gabaafame

Poolisiin Paakistaan ibsa kenneen,  balaan baaburaa kun naannnawa Punjaab keessatti kan muudate yoo tahu, hanga ammaatti yoo xiqqaate namni 46 du’uu fi 30 ol ammoo madaayuu beeksise. Dabalataanis imaltoonni heddu lubbuu isaanii baraaruuf baabura boba’aa jiru irraa yeroo utaalan akka miidhamaaniifi, haaluma kanaan lakkoofsi namoota du’anii ammallee dabalaa jiraachuu gabaafame.

 

Ka’umsi balaa kanaa siliindarii gaazii nyaatni itti bilcheeffamu irraa ibidda ka’een baaburri gubachuun tahuu miidiyaaleen naannichaa gabaasaa jiran. Ministeerri daandii baabura biyyattii Sheik Rashiid Ahmad miidiyaaleef akka ibsetti, ibiddi Siliindara nyaatni itti bilcheeffamu irraa ka’uu mirkaneessuun, “dogongorri guddaan konkolaachisaan baaburaa imala dheeraa irra osoo jiru nyaata bilcheessuu isaati”jedhe.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button