header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummicha ministeeraa Dr.Abiy Ahmad dabalatee qondaaltota mootummaa olaanoo magaalaa Ambootti mormiin cimaan muudatuu gabaafame

Muummichi ministeeraa Dr.Abiy Ahmad, Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa obbo Lammaa Magarsaa fi Itti aanaan Prezidantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, hawaasaa godina Shawaa Lixaa waliin haala yeroo irratti magaalaa Amboo keessatti kan mari’ataa jiran yoo tahu, galma mariin kun itti gaggeefamaa jiruun alatti ammoo dargaggoonni hedduun ”down down ODP” jechuun mormii dhageesisaa akka jiran odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Jiraattonni Magaalitti BBC’f akka himanitti, ganamarraa eegalee dargaggoonni magaalattii hedduun Hoteela Abbabach Mattaafariyaa kan galmi walgahii itti argamu seenuun marii irratti hirmaachuuf gaafatanni dhorkomuu isaaniin hordofuun,  mormitti seenuu isaaniitiin magaalattiin muddama keessa kan seente tahuu ibsan.

 

Haaluma kanaan namoonni hedduun daandii guddatti bahuun muummicha ministeeraa fi hooggansa isaa mormaa kan jiran yoo ta’u, Raayyaan Ittisa biyyaa lakkoofsaan heddu ta’e konkolaataa fi lafoon magaalaa keessa seenuun, mormii kana tasgabbeessuuf yaalaa akka jiru odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Mormii torbee dabree hordofuun jeequmsa uumameen manguddoo waggaa saddeetamaa dabalatee namoonni 6 magaalaa Amboo keessatti ajjeefamanii akka turan odeeyfannoon ni addeessa.

Ambo

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button