header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhimma hidha laga Abbaay irratti paarlamaan Arabaa ‘Masri waliin dhaabbanna’ jedhe

Pirezdaantiin paarlamaa biyyoota Arabaa Mish’al al Salmii, dhimma hidha laga Abbaay itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuufi ejjannoo mootummaa Masrii waliin kan dhaabbatu tahuu dubbate.

Mr Mish’al “bishaan laga Abbaay kan Masri dhaqqabu akka eeggamuu qabu fi Marii geggeffamaa jiruunis Itiyoophiyaan ejjannoo Masroota hin miine irra gahuu qabdi” jedhe.

Dhimma kana irratti mariin biyyoonni lamaan hanga ammaatti godhaa jiran itti waligaltee quubsaa irra kan hin gahin tahuun ifa.

Haaluma kanaan hidha laga Abbaay irratti marii November 6 Ameerikaa magaalaa Washingitan tti gaggeeffamuuf jiraattu irratti Itiyoophiyaan kan hirmaattu tahuun beekameera.
#Masri_Ityoophiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button