header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSeenaa

Umar bin Al-Khaxxaab yoom rafa?

Jaafar Bayaan

Gaafa tokko Mu’awiyaa binu Khudeeyji biyya Misraa irraa injifannoo Iskandariyaatti argatan itti gabaasuuf Madiinaa dhufe. Hoggaa inni masjida ol seene sa’aan yeroo oorraa tan mataa lafa kaayani. Umar masjidatti arge. Waan dhufeef itti hime. Umar, “hoggaa masjida ol seente maal yaadaati turte?”Jechuun Mu’awiyaa gaafate. “Amiirri mu’umintootaa mataa lafa kaayuu hin oolu jedheetin yaade”je’een. Umar ammoo deebisee, “Yaa mu’awiyaa guyyaa yoon rafe hojii ummataatu bada, halkan yoon rafe lubbuu tiyyan hongeeysa. Akkamitti waan lamaan kana namni tohatu rafa?”Je’een.

Hirribni Umar guyyaa fii halkan keeysatti sa’uma waa xiqqoof mataa kafa kaaya jedhan. Haala saniin jiraatee seenaan isaan isaa arrallee tan iftu taatee ifaa jirti. Rabbi irraa haa jaalatu Umar bin Al-Khaxxaab.

Kitaaba sheekh Aliyyi Xanxaawii Akhbaaru Umar wa Abdullaahi bin Umar jedhurraa isiniif raabsine. Isinis waliif raabsaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button