header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muslimoonni naannoo Amaaraatti sababa amantaa isaaniif qe’ee fi qabeenya irraa buqqifaman hanga ammaatti furmaata hin arganne

Naannoo Amaaraa godina Gondar aanaa Salaree ganda qotee bulaa Wefxeegee jedhamu irraa abbootiin warraa 40 tahan sababa amantaa isaaniif buqqifamanii yeroo ammaa magaalaa Ambaa Giyoorgiisitti kan argaman yoo tahu, Muslimoota kanneen jidduu manguddoota, daa’immanii fi dubartootaatu jira. Ji’a afur dura akka buqqifamaniin qaama mootummaa dhimmi ilaallatutti iyyatanis haala wayyaarra gahuu hin dandeenye. Haalli jiru itti ulfaatee yeroo ammaa rakkoo hamtuu keessa jiraachuus dubbatan.

Manguddoon rakkoo tanaaf saaxilame tokko, hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin reebamuufi qabeenyi isaa hundi saamamuu hime. Eega qe’eefi qabeenya irraa buqqifaman ji’a 5 gahanis furmaata tokkollee kan hin argatin tahuu ibse.

Dubartiin biroo takka immoo, osoo ulfa qabduu reebicha irratti raawwatameen ilmoon irraa du’uu himte.

Dararaan Muslimoota naannichaa irra gahaa jirtu ittuu hammaachaa jirti. Qaamni dhimmi ilaallatu dhimmicha hordofee furmaata kaayuu dhabuun ammoo hawaasa Muslimaa dallansiifte.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button