header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Boombii daangaa Suuriyaa fi Turkiyaa irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 13 ajjeefamuu gabaafame

Haleellaa boombii konkolaataa irratti kiyyeeffame kan har’a magaalaa Xal Abyad jedhamtu keessatti raawwatameen, yoo xiqqaate namoonni 13 ajjeefamuu fi 30 ol ammoo kan madaayan tahuu Ministeerri Ittisa Turkiyaa beeksise. Magaalattiin kanaan dura too’annoo finciltoota Kurdi jala kan turte yoo tahu, duula Turkiyaan dhiheenya Kaaba Suuriyaa keessatti geggeessaa jirtu hordofuun lola hamaa booda too’annaa waraana Turkiyaa jala kan galte tahuu odeeyfannoonni addeessa.

 

Ministeerri Ittisa Turkiyaa ibsa baaseen haleellaa kana gareen finciltoota Kurdi kan raawwate tahuu ibsuun, “haleellaan luynoonni raawwatan kun siviilota dhiheenya gara qe’ee isaanii deebi’an irratti kan xiyyeeffate”jechuun yakke. Haata’u malee gareen mirga namooma Suuriyaa jedhamu gama isaatiin, haleellaa kanaan namoota ajjeeffamanii fi madaayan jidduu, loltoonni finciltoota Suuriyaa mootummaa Turkiyaatiin deeggaraman kan keessatti argaman tahuu ibse.

 
Duula Turkiyaan Kaaba Suuriyaa keessatti jalqabde kana hordofuun, jaarsummaa Ameerikaatiin finciltoota Kurdi fi Turkiyaa jiddutti walii galteen dhukaasa dhaabuu kan mallattaahee ture yoo tahu, akkaataa walii galtichaatiin finciltoonni Kurdi magaalaa Xal Abyad dabalatee naannawa daangaa Suuriyaa fi Turkiyaa keessaa akka bahan murtaahuun ni yaadatama.

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button