header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad haala yeroo irratti ibsa kenne

Muummichi ministeera ibsa har’a waaree booda kenneen, walitti bu’iinsa tibba kana uumamee tureen lubbuun namoota 86 kan darbe yoo ta’u, namoota lubbuun darban keessaa dhiirri 82 fi dubartoonni ammoo 4 tahuu beekise. Namoota kanneen jidduu 10 humnoota mootummaatiin kan ajjeeffaman yoo tahu, walumaa galatti namoonni du’an sabaan dhalattoonni Oromoo 50, Amaara 20, Gaamoo 8, Silxee 2, Guraagee 1, Hadiyyaa 2 fi Argoobbaan 1 tahuu ibsame.

Namoonni du’an akka amantaa isaaniitiin ammo 34 Muslimoota. 40 hordooftoota amantaa kiristaanaa yoo ta’an, 12 ammoo hordoftoota amantaa biroo tahuu ibsi muummicha ministeeraa ni addeessa.

Dr Abiy Ahmad ibsa isaa kanaan mootummaan humnarra barnootaa fi yaadaan gorsuu wayya jechuun obsaa akka tureefi, namoonni tokko tokko akka barataniif jedhamee yeroo ga’aa kennameefitti fayyadamuu dhiisanii, lubbuun lammiilee balaa irra akka bu’u godhanii jiru jedhe. Haata’u malee mootummaan kana booda nageenya lammiilee fi dhaabbilee eeguuf akkaataa seerri biyyatti kaa’een kan hojjatu ta’a jedhe.

 

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button