Mariin nageenyaa hawaasa Muslimaa biyya keenyaatiin Varjiiniyatti gaggeeffame
Waltajjiin marii kun dhaaba muslimoota biyya keenyaa Ameerikaa kutaa Virjiniyaa magaalaa Aleeksandeeriyaatti argamu, Salam Foundation iin kan qophaa’e yoo ta’u, Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa Obbo Fitsum Araggaa dabalatee, Itoophiyaa irraa Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Ustaaz Jamaal Bashiir fi Dr Zakkii Shariif waltajicha irratti hirmaatanii jiran. Akkasumaas hawaasni Muslimaa biyya keenya Virjiniyaa fi naannawa isii jiraatan irratti hirmaatanii jiru.
Qopheessitoota waltajjii kanaa jidduu Ustaaz Jamaal Bashiir, waltajjichi haala nageenya biyya keenyaa irratti xiyyeeffatee kan qophaa’e tahuu ibse.
Ustaaz Jamaal “Ibsa, jeequmsa biyyattiitti ka’e hordofuun muummichi ministeeraa dheengadda baase irratti, miidhaan dhaqqabe kan sabaafi sablammoota hunda irra gahe tahuu hubannee jirra. Yoo rakkoon tokko uumamu nu hundaatuu miidhama. Kanaaf rakkoo uumamuuf nagaya buusuuf nu hundi waliin hojjachuu qabna”jedhe
Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Obbo Fitsum Araggaa gama isaatiin “jeequmsa dhiheenya ka’e hordofuun lubbuu dabreefi miidhaa dhaqqabeef gaddi guddaan nutti dhagahamee jira. Salam Foundation dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennee waltajjii akkasii qopheessuu isaaf ni galatoomfanna” jedhe.
Dubbi himaan koree furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa fi hayyuun seenaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal, “jijjiirama amma biyyattii keessatti argame tikfachuu qabna. Muummicha ministeeraa irraa kaase namni biyyattii keessa jiru hundi biyyaafi ummata keenyaa olii miti. Qaamooleen siyaasaa keessa jiran hundi kana hubatanii, maaltu biyya keenya miidha, maaltu bu’aa qaba kan jedhu tasgabbiin ilaaluu qabu. Kun yoo hin tahin badii hamaatu nu mudatuu mala”jedhe.
Hirmaattoonni Waltajjii kanaatis ummanni nageenya biyyattii kabachisiisuu irratti tokkummaan akka hojjatan dhaaman. Akkasumaas, Rabbiin rakkoo biyyattii keessatti dhalatte tana akka nurraa deebisu jabeessinee kadhachuu qabna jedhjedhan
Qopheessitoota waltajjii huddii keessani Galatoomaa…Alimaa kenyaafissi rabbiin janataan haa qananisuu.
Alimaa keenyaa rabbin janataan haaqananisuu
rabbi jannataan isaan ha qanaansiisu
rabbi jannataan isaan ha qanaansiisu