header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi Magaalota Finfinnee fi Washington DC dhimmoota gara garaa irratti waliin hojjechuuf walii mallatteessan

Jilli mootummaa Ameerikaa Kantiibaa Magaalaa Washington DC Miss Muriel Bowserin durfamu, guyyaa lama dura daaw’annaa hujiitiif Finfinnee kan seene yoo tahu, haaluma kanaan Wixata har’aa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin dhimmoota fayyaa, barnoota fi bu’uraalee misoomaa irratti deeggarsa kennuuf walii mallatteesaniiru.

Jila Kantiibaa magaalaa Washington DC waliin bakka bu’oonni Kaampaaniiwwan daldala Ameerikaa 50 tahan gara Finfinnee kan dhufan yoo tahu, hawaasa daldalaa Ityoophiyaa waliin marii gara garaa kan geggeessan tahuunis beekamee jira.

Kanaan dura jilli bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaatiin durfamu gara Ameerikaatti imaluun, bulchiinsa magaalaa Washington DC waliin marii jalqabaa geggeessuun isaa ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button