header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Isara’el ajajaa ol’aanaa Waraana Bilisummaa Falasxiin Bahaa Abu-ataa ajjeeste

Gareen hidhattoota Falasxiin ibsa baaseen, “waraanni Israa’el haleellaa halkan edaa xiyyaaraan mana jireenyaa Bahaa Abu-ataa irrtti raawateen, komaandarri keennaa fi haatii manaa isaa wareegamanii jiru”jedhe. Gareen Qabsoo Bilisummaa Falasxiin itti dabaluudhaanis, ajjeechaa Komandara isaa kana haloo bahuuf Israa’el irratti tarkaanfii laalessaa kan fudhatu tahuu beeksise.

Haaluma wal fakkaatuun Gareen Hamaas kan Gazzaa bulchu ibsa baaseen, “Israa’el yakka raawwatte kana hordofuun gaaga’ama dhufu hundaaf itti gaafatamumma fudhachuu qabdi; qaamonni ajjeechaa kana raawwatan ammoo adabbii jalaa hin miliqan”jedhe.

Waraanni Israa’el gama isaatiin, haleellaan halkan edaa Gazzaa keessatti raawwatame ajaja kallattidhaan Muummicha ministeeraa Benjaamin Netaniyaahuu irraa dhufe tahuu ibsuun, “haleellaawwan dhiheenya kana Gazzaa irraa Droonii, Rokkeetii fi Bifleen Israa’el keessatti raawwataman hunda Bahaa Abu-ataan qindaayan; ammas haleellaa bal’aa tahe Israa’el irratti raawwachuuf karoorfatee socho’aa ture”jechuun yakke.

Ajjeechaa halkan edaa kana hordofuun hidhattoonni Falasxiin ganama har’aa rokkeetiiwwan heddu gara Israa’el kan dhukaasan yoo tahu, mootummaan Israa’el jiraattonni Kibba fi Jiddu galeessa biyyattii of eeggannoo cimaa irra akka turan akeekkachiisee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button