header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensonni Kaabinee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee hoggantoota Majliisa Federaalaa waliin mari’atan

Itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee injinar Taakkalaa Uumaa dabalatee miseensonni kaabinee magaalattii, har’a waaree booda waajjira majliisa federaalaatti argamuun hoggantoota majliisaa waliin kan mari’atan tahuun beekamee jira. Jilli kantiibichaa kun Prezdaantii mana marii dhimmoota Islaamaa Muftii Haaj Umar Idriis, Itti aanaa Prezdaantii Majlisaa Dr. Jeeylaan Khadiir fi hoggantoota biroo waliin dhimma iddoowwan Masjiidotaaf gaaftamanii hanga ammaatti deebisaa hin argatin, akkasumas dhimma waraqaa qabiyyee lafa masjiidaa ilaallatan irratti kan mari’atan tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

Haaluma kanaan bulchiinsi magaalaa Finfinnee, Mana Marii Dhimmoota Islaamaa irraa kutaa dhimmichi ilaallatu waliin tahuun, yeroo gabaabaa keessatti deebisaa gahaa kennuuf kallattii kaahuun mariin kan xumurame tahuu ibsi fuul Feesbuukii Majlisichaa irraa argame ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button