OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Obboo Lammaa Magarsaa walitti makamuu Paartiilee ADWUI kan hin fudhanne tahuu beeksise

Obbo Lammaan gaafii fi deebisaa raadiyoo sagalee Ameerikaa VOA waliin godheen, Jalqabuma irraa yaada Ida’amuu jedhuu fi Paartiilee walitti mukuu kana diduu isaa beeksise. Obbo Lammaan ibsa kenneen “jalqabuma irraa yaada kana kan itti hin amanne tahuu Koree hojii raawwachiiftuu ODPtiif bal’inaan ibsee jira; walitti baquun Paartii kanaa sirrii miti, yoo sirrii tahees yeroon isaa ammaa miti jechuun yaada kiyya ibsachaa ture”jedhe.

 

Obbo Lammaan itti dabaluudhaanis sababa dideef yemmuu ibsu “sabni Oromoo nu amanee gaaffiilee gurguddaa nutti kenne; nuti hoggantoonni Oromootis isiniif deebisna jennee waadaa galle; gaafii sabaa dhaaba akka biyyaalessaatti hundeeffamaa jiru keessatti osoo hin taane, dhaabaa ODPtiin deebisuuf waadaa galle; kanaafuu waadaa ummanni Oromoo lakkaahee nutti kenne hin nyaadhu jedhee dide”jechuun ibse.

7 Comments

  1. Application Nuuralhudaa faayidaa guddaa qaba.
    gaaffilee fi deebisaa Alfataawaa, akkasumas odeeffannoo waytaawaa irraa argachaa jira.
    jabaadhaa jazaakumullaah
    isin hordofa marraa hunda.

  2. obo lamma magarsa rabin roba robsisa caffe magrasa jiradhu leca oromo oromo qulqulluu kan tate obo lamma magarsa rabin roba robsisa caffe magrasa jiradhu leca oromo malloo re himaxasitanire

  3. obo lamma magarsa rabin roba robsisa caffe magrasa jiradhu leca oromo oromo qulqulluu kan tate obo lamma magarsa rabin roba robsisa caffe magrasa jiradhu leca oromo

Comment

Related Articles

Back to top button