Haleellaa buufata loltootaa lixa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni mootummaa 71 ajjeeffamuu, 12 immoo madaa’uu fi akkasumas loltoota hedduu achi buuteen dhabamuu gabaafame.
Related Posts
Ministerri ittisaa Niijeer mr Isoofuu Kataambee, ibsa miidiyaalee keennen, hidhattoota haleellaa kana raawwatan irraa loltoonni hedduun ajjeefamuu ibse.
Haleellaan kun garee hidhattootan raawwatame jechuu alaatti, garee kam irraa akka ta’e haga ammatti hin himamne.