header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Balaa konkolaataa Naannoo Amaaraatti muudateen lubbuun namoota 13 darbe

Balaan kun Naannoo Amaaraa bulchiinsa Ummata Awwii aanaa Giwaaguusaa Shigudaad jedhamu keessatti ganama har’aa muudate. Waajjirri poolisii aanichaa, balaan kun Minibaasiin ummata fe’attee Jigaa irraa gara magaalaa Bahir Daar imalaa turte, konkolaataa fe’umsaa gara Finfinneetti imalaa tureen walitti bu’uun tahuu beeksise.

Haaluma kanaan namoota 13 battalumatti lubbuu isaanii dabreen alattis, namoonni miidhaan qaamaa irra ga’es kan jiran tahuu ibsame.

Balaan konkolaataa biyyattii keessatti baay’ataa kan dhufe tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button