header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeera Aljeeriyaa duraanii Prezdaantii tahuun muudame

Muummichi ministeera Aljeeriyaa duraanii Abdulmajiid Tebuunee filannoo torbee dabre geggeeffamee sagalee 58% argachuun kan filatame yoo tahu, Khamiisa har’aa Prezdaantii tahuun ifatti muudame. Abdulmajiid Tebuunee nama yeroo dheeraaf kaabinee Prezdaantii duraanii Abdulaziiz Butofliqaa keessatti tajaajilaa ture yoo tahu, bara 2017 keessa baatii sadihiif muummicha ministeeraa tahuun tajaajile.

Kanumaan wal qabatee lammiileen biyyattii namni sirna duraanii keessa ture kun biyyatttii hogganuu hin qabu jechuun mormii itti fufanii jiru. Prezdaant Abdulaziiz Butofliqaa kan waggaa digdamaa ol biyyattii bulchaa ture, mormii ummataatiin Ebla dabre angoo gadi lakkisuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button