header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ustaaz Yaassiin Nuuruu fi Ustaaz Badruu Huseen magaalaa Gondar akka hin seenne dhoorkaman

Majlisni magaalaa Gondar Ustaaz Yaassiin Nuuruu fi Ustaaz Badruu Huseen ‘magaalaa dhaloota isaanii akka hin seenne’ jechuun waajjira bulchinsaafi nageenya naannichaa gaafate. ‘Yoo isaan gara magaalichaa dhufan ammoo tohatamanii akka hidhaman’ jechuun xalayaa kan barreesse tahuu gabaafame.

Dararaa Muslimoota naannichaarratti raawwatamaa jirtu Ulamaafi ummanni Muslimaa bakka jiruu ka’ee hadheeffatee balaaleeffataa jiraachuun ifa.

Haqa isaanii sarbameef diddaan Muslimoonni dhageessisaa jiran bulchinsa naannoo Amaaraa hin gammachiifne. Kanaaf hayyoota Muslimaa naannichatti dhalatan maqaa balleysuufi gara-jabeenyaan tarkaanfii irratti fudhachuuf dhama’aa jiraachuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button