header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hiriira Mormii Guyyaa Boruu Ilaalchisee Ibsa Koree fala barbaadduu Hawaasa Muslimaa irraa Keenname

Eenyummaa fi kabajni ummata tokkoo kan madaalamu, humnoota badii mirgaafi kabajaa isaa dhiiban kanaaf jagnoota deebisaa kennan horatuu irratti hunda’a. Hoggaa Masjidaa fi Qur’aanni tuqamu ummanni jagnoota “akkamitti” jedhanii lolan hin qabne ‘Hoomacha galaanaa’ Ergamaan Rabbii Muhammad(SAW) jedhan saniin addaa miti.

Hawaasni Muslimaa Itoophiyaa immoo hawaasa yoo Masjidni isaa tuqamuu fi qajeelloo jireenya isaa kan ta’e Qur’aanni gaafa tuqamu callisee kan bira hin dabarre tahuu ragaan agarsiise.

Bu’uruma kanaan Juma’aa boruu ummanni Muslimaa magaalaa Finfinneetti Masjida Nuur akkasuma magaalota birootti immoo Addabaabahii jiranitti bahuun Hiriira mormii cimaa ni geggeessa.

Kanaaf qaamni quuqamni itti dhagahamu kamuu, hiriira guyyaa boruu kan kabajaafi Masjida isaa itti eegsisuuf godhamu kana irratti hirmaatuun, gocha boru Rabbii fi seenaan isa gaafatu kanaaf deebisaa akka kennu waamicha dabarsina.

Hiriirri iddoo kamittuu geggeeffamu kan Aklaaqa(amala gaarii) Islaamummaa keessaa hin bahin, barsiisa Qur’aana keenya ‘jibbaan namaa gara seer-maleessummaati isin hin geysin’ jechuun nu barsiise irratti hundaawuun, ummata haqaa tahuu keenyaa fi warra haala dansaa qabu tahuu keenya kan itti agarsiisnu akka tahu isin yaadachiifna.

Kayyoon teenya Masjidoota keenya kan baroota dheeraaf gochi seeraa alaa irratti raawwatame yeroo dhumaaf kabajsiisuu fi hordoftoota amantaa biroo waliin wal qixxummaa fi kabajaan waliin jiraatuu keenya hiriira itti mirkaneessinu.

Qajeelfamaafi if-eeggannoo hiriira mormii irratti goodhuu qabnu haala armaan gadii kanaan isiniif keenya.

1. Akkuma kanaan dura godhamuu ture, hiriirri keenya kan adaba Islaamummaa eeggate, kan qaroome, kan nagayaa, kan jaalala biyyaa itti mirkaneessinuufi heeraafi seera mootummaa kabaje tahuu qaba.

2. Qaamolee manneen Amantaa irratti haleellaa raawwatuun hiriiricha kallattii biroo qabsiisuu fedhan hordoftanii saaxiluun barbaachisaadha.

3. Hiriirri keenya qaamolee nageenyaa waliin wal deeggaruun seera qabbeessaafi nagaya mirkaneesse tahuu qaba.

4. Dhaadannooleen, barreeffamoonni qabannu, Alaabaan mirmirsinu kan kaayyoo kaaneef eegsisanii fi ibsan akkasumaas kanneen ilaalchoota dogongoraaf nu hin saaxille tahuu qaban.

5. Qamooleen badii raawwatuuf socho’an yoo jiraatan hordofuun, Viidiyoon waraabuun qaama dhimmi ilaallatuuf beeksisuu.

6. Hiriirri kun kan Tokkummaa Muslimootaa mirkaneessu tahuu qaba.

Lammii dhugaa deeggaruufi haqa hojjatu horachuun biyya keenya gara qaroominaatti ni tarkaanfachiisna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button