header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Haleellaa Boombii Somaaliyaa magaalaa Maqdishoo keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 30 ajjeefaman

Haleellaa Sabtii har’aa magaalaa Maqdishoo Waajjira Galiiwwannii cinatti raawwatameen, yoo xiqqaate namoonni 30 ol kan ajjeefaman tahuu poolisiin biyyattii ibse. Haleellaan kun boombii konkolaataa irratti kiyyeefameen kan raawwatame yoo tahu, namoota battalumatti du’aniin alattis kanneen biroo 100 ol madaayuu gabaafame.

Qondaalli Poolisii magaalaa Maqdishoo Muhammad Huseen akka jedhetti, namoonni ajjeefaman irra hedduun kanneen konkolaataa birootiin imala irra turan yoo tahan, barattoonni baasiin gara Yunivarsiitii imalaa turan kan keessatti argaman tahuu hime.

Haaluma wal fakkaatuun kantiibaan magaala Maqdishoo Umar Mahmuud ibsa kanneen, “haleellaa kanaan hanga ammaatti namoonni 90, kanneen irra hedduun isaani barattoota tahan madaayuu mirkaneeffannee jirra”jedhe. Haleellaan akkanaa kun Maqdishoo keessatti daran heddummaataa kan dhufe yoo tahu, Kantiibaan magaalaa Maqdishoo kanaan duraatis, July dabre keessa haleellaa wal fakkaatuun kan ajjeefame tahuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button