header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaAwrooppaaOdeeyfannoo

Paarlaamaan Turkiyaa Wixinee seeraa loltoota gara Liibiyaa erguuf dhiyaate sagalee Caalmaan raggaasise

Mootummaan Turkiyaa torban dabre keessa gaaffii deeggarsa waraanaa mootummaan Liibiyaa beekamtii UN qabu dhiheesse irratti hundaayuun, loltoota lafoo Ji’a kana keessa gara Liibiyaatti erguuf kan karoorfate tahuu fi Parlaamaan akka mirkaneessuuf wixinee seeraa kan dhiheessu tahuu ibse.

Paarlaamaan Turkiyaa Wixinee seeraa dhiyaate kana irratti miseensoonni mana marii sagalee akka keennan guyyaa har’aa walgahii ariifachiisaa waame, Haaluma kanaan sagalee caalmaan wixinee seeraa kana raggaasisuu gabaafame.

Afa yaa’iin mana marichaa Mr Musxafaa Sentoop wixineen seeraa kun sagalee miseensoota mana marii 325 keessaa, sagalee deggarsaa 184 argachuun kan raggaasifame tahuu fi miseensota mana marii paartiilee mormitoota hunda irraa immoo deggarsa dhabuu ibse.

Prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan fi Mootummaan Liibiyaa muummicha ministeeraa Fayiz Al-Sarraajiin hogganamu, November dabre dhimmoota tikaa fi humna ittisaa irratti waliin hojjachuuf waliigaltee walii mallatteessuun ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button