header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwustraaliyaaOdeeyfannoo

Ibiddi Bosona Awustiraaliyaatti qabate lubbuu namaa fi qabeenyaa heddu galaafataa jira

Haala qilleensa yeroo ammaa Awustiraaliyaa keesstti akka malee ho’aa ta’een wal qabatee, ibiddi kutaalee biyyattii gara garaa keessatti ka’e bosona barbaddeessuu bira dabree, lubbuu namaa fi qabeenya heddu galaafataa jira. Keessumattuu kutaalee Victoria fi New South Wales jedhaman keessatti balaan ibiddaa kan babal’ate akka taheefi, hanga ammaatti yoo xiqqaate lafti bosonaa keetara miiliyoona 4 ol tahu barbaadayuu gabaafame.

Qabeenya bosonaa barbadaaheen alattis hanga ammaatti lubbuun nama 31 ol dabruufi, manneen jireenyaa fi daldalaa 1000 ol ammoo gubatuu odeeyfannoon ni addeessa. Balaa Ibiddaa kanaan namoota du’aniin alattis kanneen biroo 200 ammoo achi buuteen isaanii kan dhabame tahuu ibsame.

Balaa ibiddaa seenaa Awustiraaliyaa keessatti isa hamaadha jedhame kana hordofuun, motummoonni bulchiinsa naannolee lamaanii labsii yeroo muddamaa baasanii jiru. Haaluma kanaan jiraattonni nannichaa 100,000 ol tahan qe’ee fi qabeenya isaanii gatanii balaa kana jalaa akka baqatan ajajni bahee jira.

Haaluma wal fakkaatuun humni galaana Awustiraaliyaa naannawa Victoria magaalaa Mallacoota jedhamtu keessaa namoota 4000 ol ibiddaan marfaman jidduu, juma’aa har’aa namoota 1000 ol galaanaa fi qilleensa irraan kan baraaran tahuu ibsame. Namoota hafanis sochiin baraaruu kan itti fufe tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Gama biraatiin ammoo mootummaan Ibidda kana too’achuuf saffisaan hin sochoone komiin jedhu kan ka’aa jiru yoo tahu, muummichi ministeera Awustiraaliyaa Scot Morrison Khamisa kaleessaa naannawa balaan kun itti babal’ate yeroo daaw’atetti, ummanni dallansuu isaa ibsataa kan ture tahuunis beekamee jira.
.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button