header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Professor Hasan Diyab muummicha ministeera Lubnaan tahuun muudame

Lammiileen Lubnaan qaalayiinsa jireenyaa fi malaamaltummaa biyyattii keessatti babal’ateen wal qabatee ji’oota afran dabran mormii geggeessaa jiraachuun ni beekama. Kanuma hordofuun muummichi ministeera biyyattii kan duraanii Sa’aad Hariirii October dabre aangoo eega gadi lakkisee booda, biyyattiin danqaa siyaasaa fi diinagdee keessa turte.

Paartiileen siyaasa biyyattii muummicha ministeeraa haaraya filatanii mootummaa hundeessuuf yaaliin kanaan dura godhan yeroo heddu kan fashalaaye tahus, guyyaa kaleessaa barsiisaan Yunivarsitii Beeyruut Professor Hasan Diyab muummicha ministeeraa tahuun muudamuu waajjirri Prezdaantii Lubnaan beeksise. Haaluma kanaan Kaabineen mootummaa biyyattii ministeerota 20 qabu kan hundeeffame tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Waajjirri Prezdaantii biyyattii mootummaan haarayatti hundaayuu sirna masaraa biyyoolessatti geggeeffameen eega ibsee booda, Professor Hasan Diyab haasaya godheen “muummicha ministeera tahee akka tajaajilu akkuma gaafatameen, adeemsa seeraa hordofee kaabinee haaraya hundeessee jira”jedhe. Itti dabaluudhaanis xiyyeeffannoon mootummaa haarayaa gaaffii lammiilee biyyattii ijoo tahan keessaa diinagdee fooyyessu fi malaamaltummaa too’achuuf dursi kan kennamu tahuu hime.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button