header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miidhamtoota haleellaa magaalaa Mooxaatiif sagantaan deeggarsaa geggeeffamuufi

Haleellaa Shoroorkeessitoonni Kiristaanaa naannoo Amaaraa magaalaa Mooxaatti Muslimoota irratti raawwataniin, Masjida, manneen daldalaa fi qabeenyi Muslimootaa hedduun barbadaa’uun ni yaadatama.

Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa ibsa kaleessa miidiyaaleef kenne irratti, Amajjii 22,2012 sadarkaa biyyooleessaa fi idil-addunyaatti sagantaan deeggarsaa, Muslimoota haleellaa kanaan miidhamaniif gargaarsa godhuu kan gaggeeffamu tahuu beysise.

Manni marichaa, hawaasani Muslimaa biyya keessa jiruu fi biyya alaa jiruus, sagantaa deeggarsaa Amajjii 22,2012 geggeeffamu kana irratti maallaqa arjoomuun ta’ee, waan dandahu hundaan obboleeyyan isaa cinaa dhaabbatee dirqama Islaamummaa akka baanu dhaame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button