header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammiileen Ityoophiyaa miiliyoonni torbaa ol beelaaf kan saaxilaman tahuu gabaafame

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, mootummaan Ityoophiyaa fi Dhaabbileen gargaarsaa akka ibsanitti, lammiilee Ityoophiyaa bara 2020 keessa deeggarsa namoomaa barbaadan miiliyoona 8.4 yoo tahan kanneen jidduu namoota miiliyoona 7 deeggarsi hatattamaa kan isaan barbaachisu tahuu beeksisan.

Dubbi himaan Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii Steefan Dujeriik akka himetti, deeggarsa namoomaa Ityoophiyaatif Doolaara biiliyoona tokkotu barbaachisa.

Namoonni biyyattii keessatti deeggarsa eeggatan kunniin lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqifaman, kanneen weerara dhibeetiin hubaman, hanqina roobaa, balaa lolaa bishaanii fi weerarri awwaannisaa sababaa tahuu ibsame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button