header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ityoophiyaa, Masri fi Suudaan hidha laga Abbaay ilaalchisee marii magaalaa Washington DC keessatti Kibxata dabre jalqabaniin walii galtee xumuraa irra ni gahu jedhamee ture. Haata’u malee biyyoonni sadeen marii guyyaa lamaaf karoorfatanii turan hanga kamiisa kaleessaatti kan itti fufan yoo tahu, kaleessa galgala ammoo ibsa tokko malee marii isaanii kan goolaban tahuu BBC’n gabaase.

Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa kanaan dura marii biyyoota sadeenii irratti taajjabdummaan hirmaatan kan jedhamaa ture tahus, marii marsaa kanaatiin garuu mootummaan Ameerikaa wixinee walii galtee guutinsa bishaanii fi bulchiinsa hidha laga Abbaay ilaallatu, kan waajjirri diinagdee Ameerikaa qopheesse, Ityoophiyaan akka fudhattuuf ifatti dhiibbaa godhaa akka ture gabaafame.

Marii guyyoota sadan dabranii Ministeeronni haajaa alaa fi Ministeeronni Bishaanii biyyoota sadeenii akkasumas, Ministeerri Maallaqa Ameerikaa Steven Mnuchin fi Prezdaantiin Baankii addunyaa David Malpass kallattiin kan irratti hirmaatan tahuunis beekamee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button