header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Deeggarsa Muslimoota Mooxaatiif sagantaan maallaqa walitti qabuu guutuu biyyattii keessatti haala hoo’aan cimee itti fufee jira

Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa Masjiidotaa magaalaa Mooxaatti gubaman ijaaruu fi muslimoota Maagaalattii haleellaa Shorokeessitootaatiin qabeenyi isaanii jalaa barbadaaye bayyanachiisuuf sagantaa galii walitti qabuu ifatti jalqabee jira. Manni marichaa guyyaa kaleessaa irraa jalqabee, Baankiilee gara garaa keessatti lakkoofsa herreegaa banuun ummataa ifa kan godhe yoo tahu, haaluma kanaan ummanni biyya keessaa guyyaa kaleessaa fi har’aa deeggarsa kan godhaa jira.

Sagantaan maallaqa walitti qabuu kun Jum’aa har’aa Masjiidota guutuu biyyattii keessa jiranitti haala adda taheen kan geggeeffamaa oole tahuunis beekamee jira.
Haaluma wal fakkaatuun hawaasni Ityoophiyaa biyyoota addunyaa heddu keessa jiraatu, waamicha mana marii kana fudhachuun Jum’aa har’aa irraa jalqabee sagantaalee qopheessuuf sochii kan jalqaban tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Gama biraatiin ammoo lammiilee biyyoota alaa jiranif karaa Onlinetiin deeggarsa akka godhan haalli kan mijeeffamuuf tahuu ibsame. Haaluma kanaan koreen Majlisaa dhimmichi ilaallatu kara Onlinetiin haala mijeessuu hanga ibsutti, hawaasni biyya alaa jiraatu akkaawantii “Gofundme”fi kanneen biroo beekamtii majlisaa hin qabnetti maallaqa akka hin galchine of eeggannoo akka godhu ibsamee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button