header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Rifarandamii June 23, 2016 geggeeffameen, umaatni Briteen Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf sagalee caalmaa taheen eega murteessee booda, mootummaan biyyattii hariiroo daldalaa, hawaasummaa, nageenyaa fi diinagdee Briteen fuulduraaf Gamtaa Awrooppaa waliin qabaattu ilaalchisee sanadii walii galtee “Brexit Deal”jedhamu qopheessee ture. Haa ta’u malee Paarlaamaan biyyattii sanadii dhihaate yeroo heddu eega kuffisee booda, muummittiin ministeera Briteen duraanii Tereesaa Meey aangoo gadi lakkisuun, Boris Johson muummicha ministeeraa tahuun muudame.

Muudama Boris Johnson boodas Paarlaamaan Briteen karoora mootummaa biyyatti yeroo lamaa ol kuffisuu isaa hordofuun, Mr Johnson ji’a tokko dura mootummaa diiguun filannoo walii gala geggeessuun ni yaadatama. Filannoo kanaa Paartiin Boris Johnson sagalee ol’aanaa tahe argachuu isaa hordofuun karoora Briteen Gamticha keessaa baasuu cimsee itti fufe.. Paarlaamaan Gamtaa Awrooppaatis jalqaba torbee kanaa Briteen gamticha keessaa akka baatuuf murtii xumuraa dabarsee jira.

Haaluma kanaan dura Gamtaan Awrooppaa guyyaan xumuraa Briteen seeraan gamticha keessa baatu January 31, 2020 jechuun murteesse irratti hundaayuun, mootummaan biyyatti har’a halkan walakkaa sa’aa muurasa booda gamticha keessa bahuu isaa labsuuf kan qophaayaa jiru tahuun beekamee jira. Briteen har’a seeraan miseensummaa gamtichaa keessaa kan baatu tahus, hariiroo biyyattiin gamticha waliin qabaattu ilaalchisee mariin hanga Xumura bara kanaatti kan itti fufu tahuunis beekamee jira.

Boris Johnson Briteen Gamtaa Awrooppaa keessaa akka baatu jalqaba irraa nama carraaqaa ture yoo tahu, ammas yoo danda’ame biyyattiin walii galteedhaan gamticha keessaa akka baatu, yoo dadhabame ammoo walii galtee malee gamticha akka gad lakkistuuf cimsee kan hojjataa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haata’u malee biyyattiin walii galtee malee gamticha keessaa yoo kan baatu tahee, rakkoo diinagdee fi hawaasummaa cimaaf kan saaxilamtu tahuu ibsamaa jira.
Briteen Bara 1973 irra eegalee miseensa Gamtaa Awrooppaa kan turte yoo tahu, waggaa 47 booda gamticha keessaa bahuun biyya jalqabaa taatee jirti.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button