OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Aanaa Dharraa ganda Saral-Kullaatti Masjida Ijaaruuf Sagantaan Deeggarsa walitti qabuu geggeeffame
Masjida Ridwaan kan godina Salaalee aanaa Dharraa gnda Saral-kullaatti ijaaramaa jiru, galmaan baasuuf, sagantaan deeggarsa walitti qabuu guyyaa har’aa geggeeffamaa oole.
Sagantaa kana irratti hoggantoota majlisa godinicha dabalatee hawaasni muslimaa lakkoofsaan hedduu argamuun, deeggarsa godhe jira.
Haaluma Kanaan birriin 313,066 achumatti waliitti qabame yoo tahu, maallaqaa fi meeshaleen ijaarsa masjiidaaf oolu hedduun kan wadaa galame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.