header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii Godina Silxee, Gaaffii Ummanni Silxee Godinichi akka naannoo tahuuf dhiheesse sagalee guutuun dabarse

Manni marii godinichaa kora ariifachiisaa har’a gaggeesseen, gaaffii ummanni Silxee godinichi akka naannoo tahuuf dhiheesse irratti eegaa baldhinaan mari’aate booda sagalee guutuun kan dabarse tahuu gabaafame.

Haaluma kanaan miseensoonni mana marichaa gaaffii Naannoo tahuu kana sagalee guutuun kan murteessan yoo tahu, Zooniin Ummata Silxee Naannoo tahuuf ulaagaalee barbaachisan hunda kan guutu tahuus ibsame.

Manni marichaa keeyyatoota heera biyyattii  39 fi 47/2 , saba fi sablammiin kamiyyuu yeroo barbaadanitti naannoo ofii isaanii akka hundeeffachuu danda’an ibsu irratti hunda’uun sagalee guutuun kan dabarse tahuus ibsame.

Miseensonni mana marichaa, godinichi yoo naannoo ta’e, bu’a diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa ummata godinichaaf argamsiisu irrattis baldhinaan mari’atuu, odeeyfannoon Waajira dhimmoota Komunikeeshinii godinichaa irraa argame ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button