header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Haleellaa Boombii Magaalaa Amboo keessatti raawwatameen namoonni heddu madaayuu ibsame

Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsa fi Nageenyaa magaalaa Amboo Obbo Hinsarmuu Dalasaa BBCtti akka himetti, ganama har’aa namoota hiriira deeggarsa muummicha ministeeraatiif bahan irratti boombii darbatameen, yoo xiqqaate namoonni 29 madaayuu ibse. Obbo Hinsarmuun akka jedhetti, namoota madaahan jidduu 28 miidhaan irra gahe salphaa akka tureefi, namoota kanaa wal dhaansii barbaachisaan eega godhameefi booda mana yaalaatii bahanii jiru.
Itti gaafatamaan kun ibsa isaa kanaan, haleellaa kanaan wal qabatee namoonni jaha shakkamanii too’annaa jala kan oolfaman yoo tahu, “qaamni hidhatee bosona keessa socho’u haleellaa kana raawwachuu hin oolu”jechuun shakkii qabu hime.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button