header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaEeshiyaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaatti Namni tokko Dhibee Vaayirasii Koronaan Shakkamee qorannoon taasifamaafi jira

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa, namni Chaayinaa irraa gurraandhala 15,2012 gara Ityoophiyaa dhufe tokko, dhibee Vaayirasii Koronaan shakkamee qorannoon godhamaafii jiraatuu beeksise.

Itoophiyaatti hanga ammatti namoonni 20 oli dhibee kanaan shakkamanii qorannoon taasifameef bilisa tahuus gabaafame.

Akkuma beekkamu dhukkubni Koroonaa-vaayras bara dabre 2019 ji’a December keessa biyya Chaayinaatti mul’ate kun, Saffisa hamaan faca’ee yeroo ammatti ammoo gara biyyoota 59 seenee jira.
Lakkoofsi namoota Koroonaa-vaayrasiin qabamanii guyyarraa kan dabalaa jiru yoo ta’u, Ardii Afriikaa irraa biyya Masrii fi Aljeeriyaatti eega mul’ateen booda, guyyaa har’aa Naayijeeriyaatti nama tokko irratti argamuu Ministeerri Fayyaa Naayijeeriyaa beysise.

Haaluma kanaan hanga guyyaa har’a February 28 2020 tti, Guutuu Addunyaatti lakkoofsi namoota du’anii 2,869 gahu akkasumas kan qabamanii 83,909 ol tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Odeeyfannoo biraatiin immoo Magaalaa Hong Kong tti sareen jalqabaa dhibee Koroonaa-vaayrasiin qabamte argamuun gabaafame.

Qondaalli Qonnaa fi Horsiisa Qurxummii bulchinsa magaalaa Hong Kong ibsa har’a baseen, qorannoo saree abbaansii dhibee Koroonaa-vaayrasiin saaxilame tokko irratti taasifameen, sarittiin dhibee kanaan qabamuun dhagahame.

Haa ta’uu malee Vaayirasichi namarraa itti dabre moo faalama qilleensaa irraa qabate kan jedhu hin beekkamne.

Sareen tun bineensota mana keessaa tan yeroo jalqabaatif Vaayirasiin kun irratti argame yoo taatu, hanga ammaatti mallattoon dhibee kanaa kan irratti hin mul’atin tahuu fi bineensa jalqabaa kan iddoo bineensota Koroonaa-vaayrasiin qabamaniif qophaa’etti galfamte irraa tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button