header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Mootummaan Xaaliyaan Dhibee Vayirasii koronaa to’achuuf jecha guutuu biyyattii keessatti labsii yeroo muddamaa baase

Mootummaan Xaaliyaan Dhibee Vayirasii Koronaa biyyattii keessatti haala hamaa taheen babal’ataa jiru to’achuuf jecha, guutuu biyyattii keessatti sochii ummataa kan uggure tahuu gabaafame. Haaluma kanaan lammileen Xaliyaan miiliyoona 60 ta’an hundi magaalaa fi qe’ee isaanii keessaa akka hin baane, sirna du’aa jiruu kamiifuu namoonni akka walitti hin qabamne, akkasumas namni kamiyyuu hayyama addaa yoo argate malee magaalaa tokoo irra gara birootti akka hin imalle labsiin jedhu bahee jira.
Mootummaan Xaaliyaan labsii walfakkaataa kaleessa Kaaba biyyattii keessatti baaseen, akka namoonni walitti hin qabamneef jecha ispoortii, cidha, sirna awwaalchaa fi qophileen aadaa fi amantaa hunda dhorkee ture. Har’a ammoo uggurru kun guutuu biyyattii keessatti hojii irra akka oolu murteesse.
Muummichi ministeera biyyattii Juuseeppee kontee labsii kana ilaalchisee ibsa wixata har’aa kenneen, namootni mana isaani keessa akka turaniifi, imala akkaan barbaachisaa ta’an qofaaf eeyyama akka gaafatan ajaja dabarse. Mr. Konteen labsii kanaan, “guutuun dachii Xaaliyaan zoonii eeggamu ni ta’a” jedhe. Vayirasiin Koronaa yeroo ammoo kutaalee Xaaliyaan diigdamman hunda keessattu kan babal’ate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan du’anii halkan edaa qofa 366 irraa gara 463 kan ol guddate yoo tahu, lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabamanii ammoo 9,172 gahee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button