header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
FayyaaOg-Barruu

Waa’ee Coronavirus fi COVID-19

Qophii Dr. Nuredin Luke

I. Coronavirus (KoronaaVaayirasiin) maaliidha?

KoronaaVaayirasiin gartuu vaayirasii keessaa tokko ta’ee irra jireessaan sirna hargansuu namaa kan miidhudha. Vaayirasiin kun bineensota/beeyladoota irraa gara nama daddarba. San booda nama vaayirasichaan qabame irraa gara nama biraatti daddarbuu danda’a.
II. Dhukkubni kun amma dura adunyaa kana irratti muldhatee beekaa?

Eeyyee, ni beeka. Vaayirasiin Koronaa woggaa 18 hardha biyya Chaayinatti dhukkuba sirna hargansuu kan SARS (Severe Acute Respiratory Syndrome) jedhamu fidun du’aati namoota 772f sababa ture. San boodas KoronaaVaayiras woggaa saddeet hardhaa biyya Sawudi Arabiyaatti fi biyyoota Arabaa kan biroo keessatti dhukkaba MERS (Middle East Respiratory Syndrome) jedhuuf sababa ta’uun namoota qabaman keessaa %35 kan ta’an ajjeesee jira. Dhukkubni amma Vaayirasii Koronaatiin adunyaa woliin gahaa jiru ammoo COVID-19 maqaa jedhutu kennameef.

III. COVID-19 maalidha?

VaayirasiinKoronaa amma adunyaa irratti muldhataa jiru kun qacceen sanyii isaa (jiiniin) isaa kan ammaan duraa lamaan irraa xiqqoo adda. Dhukkubootaaf kan maqaa baasu Dhaabbata Fayyaa Adunyaa (WHO – World Health Organization) dha. Dhaabbatni kunis dhukkuba yeroo amma KoronaaVaayirasiin muldhataa jiru kanaaf COVID-19 (Coronavirus Disease 2019) maqaa jedhu kenneefi jira. Kanaaf dhukkubichi maqaa COVID-19 jedhamuun waamama.

 

One Comment

  1. as wr wb jirra jirtu baga jirattan yanni koo haala bareeda fi barrefamoota baaye nama gammachisuu maxxasa jirtuu haalumaa kanaan itti fufa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button