header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee keessatti rooba cimaa cabbii makatee robeen daandiin makiinaa cufamuu gabaafame

Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee ganda Ashookaa jedhamu keessatti, Alhada har’aa bokkaan cimaan cabbii makatee roobe, haala kanaan dura mul’atee hin beekneen dandiin konkolaataa fi dachiin naannichaa cabbiin uwwifamuu kominikeeshiiniin Godina Arsii Lixaa beeksise.

Cabbiin lafa uwwise kun sochii makiinaa kan danqaa jiru tahuus gabaafame. Haaluma wal fakkaatuun bokkaancimaa guyyaa har’aa roobe kanaan Naannoo Affaar keessattis daandiin konkolaataa kan cite tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button