Itoophiyaan dangaalee biyyoota ollaa waliin qabdu cufachuu beeksifte
Tatamsaa’a dhibee Koroonaa-Vaayiras kan saffisaan addunyaa irratti babaldhachaa jiru to’achuuf Itoophiyaan tarkaanfiiwwan dabalataa fudhatuu ibsite.
Waajjirri MM ibsa guyyaa har’aa baaseen, MM Abiy Ahmad tatamsaa’a dhibee Koroonaa-vaayras to’achuuf qondaaltota tikaa nageenya biyyattii waliin mari’atuu fi tarkaanfiiwwan haarawa fudhatuu ifoomse.
Tarkaanfiiwwan kanneen jidduu..
“¢ Karaa Rayyaa Ittisa Biyyaatiin sochiiwwan daangaalee irratti godhaman ittisuu
“¢ Wal gahiiwwan namoonni hedduun irratti hirmaatan dameen nageenya dhorkuu
“¢ Waliin jireenya hawaasummaa keessatti ummanni adda faffagaatee akka socho’u taasiisuu
“¢ Qaamni kamuu wal gahii yeroo geggeessu wal irraa fagaatee akka taa’u to’achuu fi
“¢ Hojjattoonni mootummaa manumatti hojjatuun mijatuuf manuma turanii akka hojjatan dhaaman.
Qaamoleen murtee kana hojjiirra oolchanii fi warra murtee kana didan tohatan hundeessuunis dhagahame.
Akkasuma mootummaan Federaalaa tatamsaa’a dhibee Koroonaa-vaayras to’achuuf birrii Biliyoona 5 ramaduun gabaafame.